Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Indooneezhiyaa volkaanoon erga dho’een booda balaliin haqame 

ONM-ABO Botootessa 21, 2025 

Yoo xiqqaate balaliiwwan idil-addunyaa torba Indooneezhiyaa Riizoortii Odoola Baalii irraa haqamuu isaanii qondaalli buufata xiyyaaraa Jimaata har’aa himaniiru. Kunis erga volkaanoon Baha Arkiipelaagoo keessatti dho’uun uurrii kiiloo mootira saddeet gara samiitti dhukaaseen booda. 

Jimaata sa’aatii 9:45 a.m irraa eegalee, “Balaliin Idil-addunyaa torba haqamee ture. isaan keessaa ja’a balalii Jetstar gara Awustiraaliyaa fi balalii AirAsia tokko gara Kuwala Laampurtti imalu,” jechuun dubbi himaan buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Nugura Rayi ibsa baaseen ifoomseera.

Balaliiwwan biroo hedduun-kan biyya keessaa fi idil-addunyaa, gara Taayilaandi, Singaapoor, fi Awustiraaliyaa dabalatee—harkifannaa akka qaban ibseera jechuun AFP’n gabaaseera.

Exit mobile version