Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Poolisiin Hindii balaa boombii baankii giddugaleessaa Mumbaayitti mudate qorachaan jira jedhe

ONM-ABO Muddee 14, 2024

Poolisiin magaalaa guddoo giddu galeessa daldalaa Hindii Mumbaayitti Jimaata kaleessa akka jedhetti, balaa boombii Baankii Riizarvii Hindii (RBI) irratti ergaa iimeelii Raashiyaan haleellaa dhoo’aa akeekkachiisu erga argateen booda qorachaa akka jiran ibseera.

Akeekkachiisni kun teessoo imeelii seeraa bulchaa RBI haaraa muudame Sanjay Malhotraaf ergame jedha poolisiin olaanaan Mumbaayi. ”Dhimma kana galmeessineerra, qorannoon itti fufee jira,” jedhan qondaalli kun.

Manneen barnootaa, buufatni baaburaa, buufatni xiyyaaraa fi daandiiwwan qilleensaa Hindii bara kana doorsisni boombii dhibbaan lakkaa’amu kan soba ta’ee argameef saaxilamaniiru.

Yoo xiqqaate manneen barnootaa Delihii 40 Wiixata darbe karaa iimeelii doorsisa boombii kan argatan yoo ta’u, daandiiwwan qilleensaa fi buufataaleen xiyyaaraa Hindii ammoo hanga Hagayya bara kanaatti doorsisa sobaa gara 1,000 kan argatan yoo ta’u, kunis bara 2023 guutuu dachaa kudhaniin caala jechuun Rooyitars gabaaseera.

Exit mobile version