ONM-ABO Muddee 16, 2024
Ergamtoonni murna bilxiginnaa goleewwan Oromiyaa mara keessaa uummata ofiifuu qalaa’iinsa jireenyaan waadamee rakkoo hamaa keessa jiru saamuu hojii idilee taasifachuun itti fufanii jiru.
Muddee 12, 2024 waraanni maafiyaan impaayerattii aanaa Guduruu ganda Reef Tokko Taanee jedhamu Keessaa:
- Araarsoo Gannatii jalaa korma 1 qalachuun qarshii 60,000 saaman,
- Camadaa Ittaanaa jalaa re’oota 6 qalachuun qarshii 60,000 saaman,
- Waaqumaa Doorsaa jalaas korma 1 qalachuun qarshii 60,000 saamuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himaniiru.
Akka jiraattonni himanitti, namoonni kunneen hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabne ta’uu himuun, waraanni sirnichaa erga horii isaanii saamanii qalatanii boodas gatii rasaasaa jechuun qarshii 60,000-60,000 harkaa fudhatanii deemuu dubbatu.

