ONM-ABO Muddee 16, 2024
Israa’el Dilbata kaleessaa Imbaasii ishee Ayerlaanditti argamu akka cuftu ibsuun, Dabliin ”imaammata farra Israa’el garmalee hordofuu ishee” himatte.
Beeksisni kun kan ba’e Ministeera Dhimma Alaa Israa’el Gideyon Sa’ar irraa yoo ta’u, Ayerlaandi gochaa fi dubbii “farra Yihudootaa” irratti bobba’uu ishee, “seera dhabsiisuu fi mootummaa Yihudootaa” irratti hundaa’uun himatan.
”Aayilaandi hariiroo Israa’el waliin qabdu keessatti sarara diimaa hunda qaxxaamurtee jirti.”
Murteen kun kan kenname erga waldhabdeen dippilomaasii biyyoota lamaanii yeroo dheeraaf turee booda.
Ji’a Caamsaa keessa Israa’el Ayerlaanditti ambaasaaddara ishee Daanaa Erliich kan yaamte yoo ta’u, Dabliin Ispeenii fi Noorweey cinatti gama tokkoon mootummaa Falasxiin beekamtii kennuuf karoora qabaachuu ishee erga beeksistee booda.
Waldhabdee kana dabaluudhaan, Ayerlaand dhiheenya kana Afrikaa Kibbaatti makamtee Israa’el duguuggaa sanyii Falasxiinota irratti raawwatte jechuun Mana Murtii Haqaa Idil-addunyaa (ICJ) keessatti himannaa dhiheessiteetti.
Cufamuu kana ilaalchisee, Sa’ar akka jedhanitti, Israa’el qabeenya dippilomaasii ishee jijjiirtee biyyoota caalaatti deggaran waliin hariiroo cimsiti jedheera.
Tel Aviv waggaa itti aanu keessatti imbaasii Moldovaatti banuuf karoorfattee jirti jechuun BBCn gabaaseera.

