Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaataar ajjeechaa hojjettoota Imbaasii Israa’el Waashingitan keessatti raawwatame balaaleffatte

ONM-ABO Caamsaa 23, 2025 

Kaataar waraana Israa’el fi Hamaas gidduutti geggeeffamu goolabuuf mariisistuu ijoo yoo taatu, Kamisa kaleessaa hojjettoota Imbaasii Israa’el lama Waashingitanitti ajjeefaman ilaalchisee balaaleffannaa qabdu ibsiteetti.

“Bulchiinsi Kaataar taatee dhukaasaa muuziyeemii Yihudootaa Waashingitan fuuldura jiru  balaaleffateera. Dhukaasni kunis hojjettoota Imbaasii Israa’el lama ajjeesuuf sababa ta’eera,” jechuun Ministeerri Dhimma Alaa Kaataar ibsa kenneen, biyyi isaanii maatii miidhamtootaaf “jajjabina” hawwuu ibseera.

Prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp fi muummichi ministeeraa Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuu balaaleffannaa kana kan dursan yoo ta’u, lamaan isaanii iyyuu farra Yihudootaa komachaa turan.

Israa’el miidhamtoota kana lammii Israa’el Yaaron Lischinskii fi Saaraa Liin Milgrim ta’uu adda baasuun, hiriyoota gaa’ela dhaabbachuuf  karoorfachaa jiran  ta’uu himte.

Hogganaan poolisii Waashingitan namni dhukaasa raawwate Eliyaas Roodriigeez Chikaagoo irraa kan dhufe ta’uu adda baasuun, to’annoo jala akka jiru dubbataniiru jechuun AFP’n gabaaseera.

Exit mobile version