ONM-ABO Muddee 17, 2024
Ergamtoonni Bilxiginnaa duula qindaa’aa duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti raawwatan jabeessuun, godina Baha Wallaggaa aanaa Sibuu Sireetti nama tokko irratti ajjeechaa suukkanneessaa raawwatanii jiraachuun ibsameera.
Aanaa Sibuu Siree ganda Dichoo Abbaa Garmaamaa jedhamu keessaa Muddee 15, 2024 ergamtoonni dhiiga ilmaan Oromoo soorachuun jiraatan nama maqaan isaa Obbo Daftaraa Guutamaa jedhamu badii tokko malee haala suukkanneessaa ta’een ajjeesanii gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, namni kun siyaasa kam irraa bilisa kan ta’ee fi hojii dhuunfaa isaa sibiila tumuun kan jiraatu ta’uu himuun, ergamtoonni sirnichaa ammoo badii tokko malee halkan keessaa sa’a 8:00’tti mana isaatii gadi baasanii naasuu tokko malee ajjeesuun, reeffa isaa illee maatii dhowwachuu dubbatu.

