ONM-ABO Muddee 17, 2024
Godina Arsii Bahaa Aanaa Sirkaa magaalaa Gobeessaa fi karaa Boqqojjii Gobeessaa geessu irratti Muddee 14, 2024 uummata konkolaataa keessaa ukkaamsuun akka Waraanni Bilisummaa Oromoo ukkamse fakkeessitee holola irtatti hojjechuuf qopha’aa jiraachuun barame.
Sanbata halkan magaalaa Gobeessaa mana amantaa kiristaanaa keessaa nama 18 kan fuudhan yoo ta’u, konkolaataa Gobeessaa gara Boqqojjii deemu keessaa ammoo namoota nagaa 12 qabanii jiru.
Namoota qabaman kana of bira kaa’anii akka waanta WBO’n isaan to’ateetti maallaqa hangana finna jechuun maatii fakkaatanii dubbachaa kan jiran yoo ta’u, kanas sagalee miseensota WBO waraabanii ittiin uummata burjaajessuuf akka ta’e barameera.
Namoota kana erga qabanii maatiitti bilbiluun maallaqa ittiin gaafachaa fi doorsisaa jiraachuun ifoomeera.
Murni faashistii PP lolaan gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo akka mo’achuu hin dandeenye waan beekuuf fudhatama WBO’n uummata Oromoo biratti qabu xureessuuf hojii maqa balleessii bakka cufattuu hojjechaa jiraachuun ni beekama.

