ONM-ABO Adoolessa 30, 2025
Godina Arsii Bahaa aanaa Sirkaa magaalaa Gobeessaa ganda 01 fi ganda 02 keessatti kabinootni magaalichaa jiraattota magalaan lafa mana jireenyaa isiniif kennina jechuun jalqaba qarshii 5000-6000’tti nagah’e tokko malee irraa funaanuun kennaniifii erga uummatni mana irratti ijaarateen booda deebisanii dhorkaa jiraachuu maddeen ifoomsan.
Akka maddeen jedhanitti jalqaba mana jireenyaa irratti ijaarradhaa jechuun kantiibaan magaalichaa maallaqa irraa funaanee hiruufiin erga uummatni mana irratti ijaarratee xumureen booda namoota dallaa irratti ijaarratanis dhorkuun qarshii 20,000 hanga 50,000 adabanii akka madda galiitti itti fayyaadamuun uummataan taphachaa jiraachuu maddeen itti dabaluun ifoomsan.
Maallaqa adabaman kanas kaffaluu dadhabuun namootni hedduun waraana PP’n qabamanii waajjira poolisii aanichaatti hidhamuun hiraarfamaa jiru.
Murni Bilxiginnaa kufaatii dinagdee isa mudate irraa bayyannachuuf maqaa garaa garaa bocachuun nagahee tokko malee uummata saamuun, qala’insa jireenyaa uummata garmalee rakkisaa jirutti dabaluun dararaa jireenyaa kan hammeessan yoo ta’u gareen Finfennee taa’u Shimallis Abdiisaa yaa’ii caffee irraatti maallaqni naga’ee hin qabne akka hin funaanamne jechuun waan hojjetamaa jiru akka nama hin beekneetti miidiyaa irraa deebii mi’aa’aa kennaa turuun ni yaadatama.

