ONM-ABO Muddee 17, 2024
Hooggantuun imaammata alaa Gamtaa Awurooppaa Wiixata kaleessaa dhiibbaan Raashiyaa fi Iraan egeree Siiriyaa keessatti akka dhabamsiifamu gaafataniiru.
Kaja Kallas walgahii ministeerota dhimma alaa Awurooppaa waliin taasisaniin booda gaazexeessitootaaf kan dubbataniin, mul’ata Gamtaan Awurooppaa Siiriyaa tasgabbaa’aa fi hunda hammate, finxaaleyyii fi gidduu seenummaa biyyoota alaa irraa bilisa ta’uuf qabu ibsaniiru.
Kallas ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, ”ministiroonni dhimma alaa hedduun hoggansi haaraan kun dhiibbaa Raashiyaan Siiriyaa keessatti qabdu dhabamsiisuuf haal-duree ta’uu akka qabu cimsanii dubbataniiru.
Itti dabaluudhaanis, ”Egeree Siiriyaa keessatti finxaaleyyii, Raashiyaa ykn Iraaniif bakki hin jiru,” jetteetti.
Mul’anni Gamtaan Awurooppaa Siiriyaadhaaf qabu gareewwan biyyattii adda addaa gidduutti nagaa uumuu, baqattoota akka deebi’an dandeessisuu fi naannicha keessatti tasgabbii yeroo dheeraa mirkaneessuu kan dabalatudha.
Kallas dubbii gaarii hoggansa ammaa Siiriyaa irraa dubbatamuuf beekamtii kan kennite yoo ta’u, of eeggannoo akka qabdu ibsiteetti. “Yeroo ammaa kana waan sirrii dubbachaa jiru, garuu namni hundi waan sirrii hojjechaa akka jiru hin amanne,” jette.
Hawaasni addunyaa Siiriyaa egeree ifa ta’e mirkaneessuuf kan kaayyeffate yoo ta’u, Kallas fedhii waloo saba nagaa fi tasgabbaa’aa ta’e cimsanii dubbataniiru jechuun Arabs news gabaaseera.

