ONM-ABO Muddee 18, 2024
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Kibxata kaleessaa akka jedhetti, walakkaa bara 2025 jalqabaa keessa namoonni gara miliyoona tokkoo gara Siiriyaa akka deebi’an ni eega. Kunis kufaatii bulchiinsa prezidaant Bashar al-Asad hordofee akka ta’e dubbatameera.
“Waggaa dhufu baatii Amajjii fi Waxaabajjii gidduutti lammiileen Sooriyaa miliyoona tokkoo ta’an bakka tokkotti akka deebi’an abdii qabna jennee tilmaamneerra,” jechuun dhaabbata baqattootaa UNHCR keessatti daayreektarri Baha Giddugaleessaa fi Kaaba Afrikaa Rema Jamous Imseyis ibsa gaazexeessitootaaf Jeeneevaatti kennaniin dubbataniiru jechuun AFPn gabaaseera.

