• Tue. Jan 13th, 2026

UN akka jedhetti lammiileen Sooriyaa miiliyoona tokko walakkaa bara 2025 jalqabaatti deebi’uu malu

Dec 18, 2024

ONM-ABO Muddee 18, 2024 

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Kibxata kaleessaa akka jedhetti, walakkaa bara 2025 jalqabaa keessa namoonni gara miliyoona tokkoo gara Siiriyaa akka deebi’an ni eega. Kunis kufaatii bulchiinsa prezidaant Bashar al-Asad hordofee akka ta’e dubbatameera.

“Waggaa dhufu baatii Amajjii fi Waxaabajjii gidduutti lammiileen Sooriyaa miliyoona tokkoo ta’an bakka tokkotti akka deebi’an abdii qabna jennee tilmaamneerra,” jechuun dhaabbata baqattootaa UNHCR keessatti daayreektarri Baha Giddugaleessaa fi Kaaba Afrikaa Rema Jamous Imseyis ibsa gaazexeessitootaaf Jeeneevaatti kennaniin dubbataniiru jechuun AFPn gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading