Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Bulchiinsa magaalaa Shaggar kutaa bulchiinsa magaalaa Laga Xaafoo-Laga Daadhii keessaa dargaggoota Oromoo ukkaamsanii hidhaatti darbachuun itti fufe

ONM-ABO Muddee 18, 2024 

Loltoonni Bilxiginnaa naamusa waraanummaa hin qabnee fi hin kabajne dhiiraa fi dubartii osoo hin jenne ilmaan Oromoo hunda akkuma barbaadanitti akka kubbaatti dhiituun safuu fi duudhaa hawaasichaa cabsuu kan amaleeffatan dargaggoota ukkaamsuun hidhaatti darbachaa jiru.

Bulchiinsa magaalaa Shaggar kutaa bulchiinsa magaalaa Laga Xaafoo-Laga Daadhii keessaa Muddee 16, 2024 dargaggoonni hedduun loltoota Abiy Ahimediin ukkaamfamuun hidhaatti darbatamaa kan jiran ta’u yoo ta’u, dargaggoota maqaan isaanii Jamaal Huseenii fi Ahimed Abdoo jedhaman badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhamuun hidhamanii dararamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka maddeen himanitti, dargaggoonni hedduun ukkaamfamuun gara leenjii waraanaatti guuramaa kan jiranii fi maqaa adda addaa itti maxxansuun sobaan yakkanii qarshii gurguddaa gaafachuun dararaa hamaa irraan gahuun cimee kan itti fufe ta’uu himu.

Exit mobile version