Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Shakkamaan Jeneraala Raashiyaa ajjeese jedhame gara bakka yakki itti raawwatameetti geeffame

ONM-ABO Muddee 19, 2024 

Shakkamaan ajjeesaa jeneraal olaanaa Raashiyaa Igor Kirillov gara bakka yakki itti raawwatame Moskootti geeffamuu dhaabbati oduu TASS Kamisa kaleessaa qaamolee seera kabachiisuu wabeeffachuun ibseera. 

Hogganaa loltoota Eegumsa Niwukilaraa, Baayoloojii fi Keemikaalaa Raashiyaa kan turan Letenaant Jeneraal Kirillov Kibxata darbe Moskootti ajjeefamaniiru.  

Kun kanaan osoo jiruu lola cimaa naannoo Kursik keessatti humnoota Yukireen waliin taasisaniin Raashiyaan geggeessaa jirtuun yoo xiqqaate loltoonni Kooriyaa Kaabaa 100 gara Raashiyaatti bobbaafaman ajjeefamuun 1,000 ammoo madaa’uu miseensi mana maree Kooriyaa Kibbaa Kamisa kaleessaa dhaabbata basaasaa biyyattii wabeeffachuun ibseera.

Kasaaraan guddaan kun kan ka’e loltoonni Kooriyaa Kaabaa lola diroonii irratti muuxannoo dhabuu fi lafa banaa lola kana irratti hirmaatan beekuu dhabuu isaanii irraa kan ka’e ta’uu miseensi paarlaamaa Lee Seyong-kiweyun gaazexeessitootaaf ibsaniiru jechuun Rooyitars gabaaseera.

Exit mobile version