Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa Aanaa Muuneessaa keessatti haadha ulfaa tokko murni Bilxiginnaa hidhuun dhagaa’ame

ONM-ABO Muddee 22, 2024 

Murni nama nyaataan impaayera Itiyoophiyaa bulchaa jiru mirga dhala namaa afaan qawween ukkaamsee abbaa irrummaan bulchuu jabeessuun aanaa Muuneessaa ganda Heeban Dhubbootti Muddee 20, 2024 haadha ulfaa da’uu geesse maqaan ishee Aadde Bassaa Adiloo jedhamtu humnoota waraanaa itti bobbaasuun qabanii hidhuun beekameera.

Dubartoonni dubartii ulfa guutuu kana waliin turan, mana sana keessatti waaqa kadhachaa osoo jiranii waraana abbaa irree koloneel Abiy Ahimediin reebamuun ibsameera.

Kana malees guyyaadhuma kana ganda Heeban Dhubboo fi Odaa Too’aatti uummata jumlaan ukkaamsuun kan hidhan ogguu ta’u, namoota ganda Heeban Dhubboo irraa qabamuun hidhaman keessaa muraasni maqaan isaanii:

  1. Obbo Dhiiboo Babilee,
  2. Shufeer Usee,
  3. Taashoo Dittaa,
  4. Amaan Bishaa,
  5. Amaan Abdiisaa,
  6. Abbiyyee Tulloo,
  7. Tulloo Duchiissoo,
  8. Bashii Roobaa,
  9. Makkiyaa Roobaa,
  10. Gammachuu Yaqoob,
  11. Kamaal Badhaasoo,
  12. Tibbeessoo Jamboo,
  13. Ushii Argoo kan jedhaman yoo ta’an, 

Ganda Odaa Too’aa irraa ammoo:

  1. Tashitee Roobalee,
  2. Qab’oo Xayiboo,
  3. Shekkii Wonjii,
  4. Edaaso Kadiroo,
  5. Qadii Kabaroo,
  6. Gaamee Kadir,
  7. Faranjjoo Nageessoo kanneen jedhaman akka ta’e jiraattonni gandichaa ONM’tti himaniiru.
Exit mobile version