Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Ergamtoonni murna PP Kibba Lixa Shaggar gandoota Aanaa Wancii cufa keessatti namoota reebanii jumlaan ukkaamsuun hidhaatti guuraa jiru

ONM-ABO Muddee 24, 2024 

Gaaffii seeraa tokko malee mirga abbaa biyyummaa isaa mulqamuun qe’ee isaa keessatti ergamtoota sirna dabaa Bilxiginnaan hiraarfamaa kan oolu Uummanni Oromoo kan yeroo kamuu caalaatti ammas dararaa hamtuu keessummeessaa jira.

Labsii duguuggaa sanyii ilmaan Oromoo irratti banee kan jiru mataan nafxanyootaa koloneel Abiy Ahimed eegdota barcuma aangoo isaa Oromiyaa bakkoota hedduutti bobbaasuun hidhaa, ajjeechaa, saamichaa fi buqqaattii hammeessuun jiruu fi jireenya Oromoota maraa barbadeessaa jira.

Kibba Lixa Shaggar aanaa Wancii gandoota kanneen akka Dullee Eelee Qorii, Azeerii Qeeransaa, Damuu Dagalee, Shaggaagii Gafaree, Dha’ee Waan-Diimtuu keessatti uummata jumlaan ukkaamsuun reebicha ulfaataa erga irraan geessisanii booda konkolaataatti naquun mooraa waraana PP Duleellee jedhamutti naquun dararaa ulfaataa irraan geessisaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.

Exit mobile version