Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Guutoo Giddaa fi Waamaa Hagalootti hidhaa fi saamichi jiraattota irratti jabaatee itti fufe

ONM-ABO Muddee 23, 2024 

Godina Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa ganda Jireenyaa bakka addaa Boolloo jedhamu keessaa waraanni sirna nama nyaataan PP Koloneel Abiy Ahimediin uummata nagaa irratti bobbaafamanii jiran Muddee 20, 2024 namoota nagaa kanneen maqaan isaanii Ciisaa’uu Tolasaa fi obboleessa isaa Milkiyaas Tolasaa akkasumas Maatiwoos Baqqalaa kan jedhaman badii tokko malee maqaa sobaatiin yakkanii mana hidhaatti darbachuu isaanii jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.

Oduu saamichaan ammoo aanaa Waamaa Hagalootti gandoota hundarraa “labsii hatattamaa” Muddee 14, 2024 labsanii doorsisa irratti raawwachuun nama tokko irraa maallaqa qarshii 30,000-35,000 guuraa jiru. Qonnaan bulaan tokko lafa hektaara tokkotti qarshii 4,000 akka kaffaluuf dirqamsiifamaa kan jiruu fi sababa kanaan uummata dararaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.

Loltoonni bilxiginnaa dararaa uummata nagaa meesha maleessa irratti afaan qawween geessisan jabeessuun torbee darbe keessa ganda Iluu Haagaloo jedhamu keessaa dargaggoo Tafarii Dabalaa jedhamu badii tokko malee qabuun reebicha humnaa olii irraan gahuun mana hidhaatti galchanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Exit mobile version