ONM-ABO Muddee 23, 2024
Duula duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti geggeessaa kan jiru, murni gabroomfataan PP golee Oromiyaa mara keessatti maqaa “sakatta’a Waraana Bilisummaa Oromoo” jedhuun waraana isaa bobbaasee sabboontota ilmaan Oromoo akka bineensaatti adamsee, haala suukkanneessaan ajjeesee gatuu cimsee itti fufee jira.
Aanaa Begii ganda Maaruu Daallasii bakka addaa Kuuroo jedhamutti loltoonni gara jabeeyyii Bilxiginnaa nama maqaan isaa Bariisoo Tolasaa jedhamu guyyaa torba dura bakka addaa Kuuroo jedhamu keessaa erga qabanii booda Muddee 19, 2024 mana hidhaatii baasanii aanaadhuma kana ganda Loophii naannoo bosona Shuuraa jedhamu keessatti badii tokko malee rasaasa itti roobsanii ajjeesanii bakkeetti gatuun reeffii isaa halkan tokko bakkee bulee Mudde 20, 2024 namni daandii irra deemu ijaan argee maatii fi firroota isaa itti waamuun akka awwaalan maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka maddeen jedhanitti, dargaggoon kun siyaasa kam keessaayyuu qooda kan hin qabnee fi badii tokko malee maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhuun yakkanii hidhaatti erga darbatanii booda mana hidhaa keessaa baasuun gara jabina hamaan ajjeesanii gatuu himu.

