Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa Aanaalee adda addaatti hiraarfamni ergamtoota sirnichaan hawaasa irratti jabaachuu ONM odeeffate 

ONM-ABO Muddee 23, 2024  

Aanaa Gidaamii ganda Soyii irraa torban darbe keessa ergamtoonni bilxiginnaa sababa tokko malee jiraattota maqaan isaanii:

  1. Darajjee Margaa,
  2. Caalaa Takiluu,
  3. Tamasgeen Ayyaanaa,
  4. Shuwaal Raagaa,
  5. Aadde Ibsaabee Taammiruu fi kanneen biroo hedduu ta’an qe’ee isaanii irraa ukkaamsuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Oduuma wal fakkaatuun Muddee 19, 2024 waraanni sirnichaa, godina Qellem Wallaggaa aanaa Yamaaloogii Walal ganda Akuukkuu jedhamu keessatti, nama nagaa tokko kan maqaan isaa Obbo Zarihuun Bineensaa jedhamu maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabda” jedhu itti maxxansuudhaan, badii tokko malee dararaa ulfaataa irraan ga’uun mana hidhaatti darbachuu isaanii jiraataan gandichaa sababa nageenya isaaf maqaan isaa akka eeramu hin barbaadne tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himeera. 

Oduu saamichaan wal qabatuun ammoo aanaa Jimmaa Horroo ganda Kooyyanitti waraanni faashistii PP Muddee 20, 2024 abbootii qabeenyaa maqaan isaanii: 

Hajii Abdulqaadiir qarshii 150,000, Ibraahim Sulxaan jalaa qarshii 40,000,  Ibraahim Muktaar irraa qarshii 80,000 saamuun namoota biroo jalaas dukkaana caccabsuun barameera.

Exit mobile version