Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Sayyootti maanguddoon tokko qarshii kuma dhibba tokko waraana faashistii PP’n saamamuun ofiis ukkaamfame

ONM-ABO Muddee 12, 2024 

Waggoota  ja’an darban irraa kaasee Lixa Oromiyaatti uummanni Oromoo maqaa hirmaannaa siyaasaa taasisaa jirtu jedhuun waraana gabroomfataa PP’n  ajjeefamuu, saamamuu, hidhamuu fi manneen isaanii irratti gubachuun jabaatee itti fufeera.

Muddee 9, 2024 waraanni faashistiin PP aanaa Anfilloo bulchiinsa magaalaa Garjeedaa irraa gara aanaa Sayyoo ganda Alakuu Sanagaa bakka addaa Saasii jedhamutti bobbaafamuun maanguddoo maqaan isaanii Obbo Qannoo Oliiqaa jedhaman saamuun beekameera.

Obbo Qannoon jaarsa kabajamaa jaalalaa hawaasummaa guddaa kan qabu, kan umuriin isaanii 70 ol ta’uu fi abbaa daa’immanii kan ta’an ogguu ta’u maqaa hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun qarshii guddaa kuma dhibba tokkos saamamuun beekameera.


Akka Jiraattonni jedhanitti jaarsi biyyaa bakka wal dhabdeen hawaasa gidduu jirutti argamee, araaraa fi namoota dhibdee cimaa qaban caayaa tokko jalatti walitti qabuun araarsu kunis erga wiixata darbe ukkaamfamee achi buuteen isaa osoo hin baramin jiraachuun ifoomeera.

Exit mobile version