ONM-ABO Muddee 24, 2024
Uummata nagaan mana isaa jiraatu ajjeesuun gootummaa kan itti fakkaatu mootummaan gabroomsaan impaayerattii bilxiginnaan, bakka fedhee fi yeroo fedhetti humna isaatti fayyadamuun goolessitoota waraana isaa saba nagaatti bobbaasuun guyyuu qe’ee Oromoota maraatti gadda uwwisaa oola.
Gochoonni badii murna balfamaa kanaan uummata irratti raawwatu ittuma fufuun Oromiyaa cufa keessatti dararaa hamtuu dhala namaaf hin malle faashistoota bilxiginnaan uummata Oromoo irratti raawwatamaa jira.
Muddee 22, 2024 aanaa Jajuu ganda Qaxxee jedhamu keessatti dargaggoo Hassan Nuuree jedhamu ganama wal gahii bahi jedhanii waamanii inni mana keessaa waa fudhaachuuf ol seennaan maal fuudhuuf mana seente jechuun faana mana seenanii rasaasa sagal itti roobsuun lubbuu isaa kan galaafatan yoo ta’u, nama tokko immoo kan maqaan adda nuuf hin baane rasaasaan rukkutanii madeessuun yaala dhowwanii rakkachaa jiraaachuu jiraataan aanicha irraa ONM dubbise tokko ifoomsee jira.
Guyyaadhuma sana onichuma magaalaa Abboomsaa keessatti fedha isaanii malee uummata doorsisuun hiriira ba’aa jedhanii dararaa kan turan oggaa ta’u sababa kanaanis uummata manatti galuu dhorkanii rakkisaa turuu jiraattoonni magaalichaa dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himaniiru.
