ONM-ABO Waxabajjii 18, 2025
Shiftoonni koloneel Abiy Ahimed kutaalee Oromiyaa cufa keessatti hidhaa fi saamicha hammeessuun uummata jiruu fi jireenya dhorkee hiraarsaa kan jiru oggaa ta’u, godina Arsii Bahaa aanaa Jajuu ganda Haacaamoo jedhamu keessatti Waxabajjii 16, 2025 gaaffii tokko malee uummata jumlaan guuranii mana hidhaatti galchuun hiraarsaa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan. Gandicha keessaa namootni yakka tokko malee ukkaamfamuun hidhaman muraasni:
- Maamiyyaa Jamaal,
- Wayyeessoo Jawaaroo,
- Hasan Huseenii fi
kanneen biroon maqaan isaanii nu hin qaqqabne kan keessatti argaman ta’uus dabaluun gabaasaniiru.
Waa’een imaanaa lammiilee fi bulchiinsi haqaa kan itti hin mul’anne koloneel Abiy Ahimed kutaalee Oromiyaa mara keessatti maqaa siyaasaa uummata nagaa hin ibsine itti maxxansuun ajjeesuu fi kan hidhu caalaatti miidiyaa ofii isaa irratti ol bahuun gochaawwan isaa kanneen waakkatee gaarummaa isaa qofa of dhaadhessuun cinatti ergan barcuma siyaasaa qabadhee asitti dhala namaa irratti yakka namoomaa hin raawwanne jechuun haaluun isaa kan nama qaanfachiisuu ta’uu ni dubbatama.

