Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa Aanaa Jajuutti hidhaan murna PP’n uummata irratti jabaatee jiraachuun dhaga’ame 

ONM-ABO Waxabajji 18, 2025 

Hojiiwwan mootummoota sirna abbaa irree keessatti yeroo baay’ee hidhaa fi miidhaan kamiyyuu uummata nagaa irratti kan taasifamu oggaa ta’u, keessattuu namoota ukkaamsuu fi to’annoo isaanii keessa galchuu daran jabeessuun qorqalbii miidhuu fi lubbuu obbaasanii jiilchuun yeroo bittaa isaanii dheereffachuu irratti fuulleffatanii daba raawwatu.

Haaluma kanaanis Waxabajjii 16, 2025 shiftoonni Abiy Ahimed kanneen kutaalee Oromiyaa hunda keessatti uummata jiruu fi jireenya dhorkanii hiraarsaa jiran godina Arsii Bahaa aanaa Jajuu ganda Haacaamoo keessaa gaaffii tokko malee uummata jumlaan guuranii mana hidhaatti hiraarsaa kan jiran yoo ta’u, isaan keessaa kanneen maqaan nu gahe:

  1. Maamiyyaa Jamaal,
  2. Wayyeessoo Jawaaroo fi
  3. Hassan Huseen 

kanneen jedhaman qabuun mana hidhaa keessatti hiraarsaa akka jiran jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Mormii siyaasaa dhabamsiisuu fi namoota ukkaamsuu irratti xiyyeeffachuun hojjechaa kan jiran lukkeeleen Bilxiginnaa namoota siyaasa keessatti hirmaannaa taasisu jedhanii shakkan qabuun dhabamsiisaa fi ajjeesaa akka jiran jiraattonni onichaa dabaluun himaniiru.

Exit mobile version