Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Murni Bilxiginnaa Baha Arsii Aanaa Martiitti uummata nagaa hidhaatti guuruu hammeesse 

ONM-ABO Waxabajjii 24, 2025

Sirni nama nyaataan impaayerattii kan afaan qawween ijaaramee afaan qawween lammiilee nagaa ukkaamsee bulchiinsa biyyaa jechuun of waamu Bilxiginnaan kutaalee Oromiyaa cufa keessatti hawaasa hacuucuun jiruu fi jireenya jibbisiisee biyya abbaa isaa kan ta’e Oromiyaa keessaa godaansisaa jira.

Haaluma kanaan Waxabajjii 19, 2025 aanaa Martii ganda Abbaas Gorobaa iddoo addaa Dooyyee jedhamu keessatti waraanni faashistii PP uummata jumlaan ukkaamsuun mana hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuun ibsame.

Namoota haala kanaan badii tokko malee mana hidhaatti darbatamanii rakkoo ulfaataa argaa jiran keessaa muraasni maqaan nu gahe:

  1. Abbishuu Muhaammad,
  2. Kaamil Abbaasii fi 

kanneen biroo hedduun maqaan isaanii ammaaf nu hin qaqqabin keessa jiraachuu jiraattonni itti dabaluun ONM’f eeraniiru. 

Murni Bilxiginnaa ergamtoota isaa ergama jal’inaa leenjifachuun qe’ee hawaasa Oromootti bobbaasee sarbamiinsa mirga namoomaa irratti raawwachiisaa jiruun nagaa uummataa booressee kaan hidhaa fi ajjeechaan yommuu dhabamsiisu, gariin immoo mana irratti gubee buqqisuun dawoo jireenyaa dhorkaa jira.

Exit mobile version