ONM-ABO Waxabajjii 26, 2024
Sirni bulchiinsa ajjeesuu, saamuu, hidhuu fi manneen jiraattotaa gubuu akka bulchiinsa gaariitti ilaalu bilxiginnaan, hojii isaa dabaa abbaa irrummaa isaa hawaasa harka duwwaatti agarsiifachuun jiraattota fedhii isaanii malee sirnichaaf akka hojjetaniif hiraarsaa jira.
Haaluma kanaan godina Arsii Lixaa aanaa Adaabbaa magaalaa Adaabbaa ganda 01 fi 02 keessatti Waxabajjii 19, 2024 irraa eegalee hanga odeessi kun qindaa’etti bilxiginnaan uummata keessaa namoota hanna korojootiif ammuumaan qopheefachuuf jecha waraqaa deggersa bilxiginnaa baafadhaa jedhee dirqamsiisaa jiraachuu jiraatonni ONM’tti himaniiru.
Namoonni waraqaa deggersaa kana hin barbaannu jedhanis manneen hidhaatti guuramaa kan jiran yoo ta’u, murni abbaa irree filannoo fakkeessiif gamanumaan lammiilee tokko shaneen ijaaraa jechuun barameera.

