Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Lixaa aanaa Adaabbaa keessatti namni nagaan lama loltoota PP’n ajjeefamuun hidhaanis hammaate

ONM-ABO Waxabajjii 6, 2024

Bilxiginnaan bara aangootti dhufee kaasee uummata Oromoo akka balaa aangoo isaatti ilaaluun duula waraanaa itti banee xinnaa guddaa osoo hin jenne gochoota suukkanneessaa hawaasni jiraachuuf illee akka of jibbu godhu gochaa jira.

Haaluma kanaan godina Arsii Lixaa aanaa Adaabbaa ganda Hakoo Karaa keessatti Caamsaa 31, 2024 namoota nagaa Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun waraanni faashistii PP kun namoota maqaan isaanii Abdulkariim Bariisoo fi Dufuu Abdurroo Kichuu daa’ima umuriin 15 kan ta’e ajjeesuu jiraattotni himan. 

Ijoolloota ajjeesan kanas reeffa isaanii fudhachuuf dursa maallaqa rasaasaa kaffalaa jechuun qarshii kuma kudha lama irraa fudhatanii reeffa maatiif akka kennanis dabaluun ibsaniiru.

Ganduma kana keessattis deggartoota Waraana Bilisimmaa Oromooti maqaa jedhu itti maxxansuun manneen hawaasaa 12 kan gubanii fi namoonni manneen isaanii jalaa gubate muraasni maqaan  Hajii Inikaa, Abdulfattaa Suzii, Mahaammad Adam fi  Mahaammad Useen Abdullayii ta’uu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version