Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii lixaa aanaa Adaabbaa keessatti namoota 210 waraanummaaf magaalaa Adaabbaa keessatti walitti qabanii jiraachuun beekame

ONM-ABO Bitootessa 25, 2024

Sirni maafi’aa PP sababa waraanni isaa guyyaa guyyaan ajjeefamaa, booji’amaa fi harka kennachaa ooluuf mooraan bilxiginnaa diigamaa jiraachuu irraan Kan ka’e raafama guddaa keessa galuun maqaa of dandamachiisuu jedhuun ilmaan haadha hiyyeessaa fedhii isaanii malee humnaan qabuun gara leenjii waraanummaatti guuraa jiru.

Godinaalee Oromiyaa adda addaa keessaa guuraa kan jiran yoo ta’u, godina Arsii lixaa aanaa Adaabbaa keessattis namoota 210 fedhii isaanii malee humnaan qabuun leenjii waraanummaa deemtu jedhaniinii bulchiinsa magaalaa Adaabbaa keessatti walitti qabamanii afaan qawween eegamaa jiraachuu jiraattonni himan.

Namoota gariin immoo sababa tokko malee namoota hojii dhuunfaa isaanii hojjechuun ofii fi maatii isaanii jiraachisan mana maatii isaaniitii ari’uun ijoollee fi maatii otoo hin jaallatin dirqamaan gargar baasaa jiru.

Gochi jibbisiisaa kun akka raawwatamuuf sirna maafi’aa PP’f Kan haala mijeessan ykn gochisiisaa jiran itti gaafatamaa paartii bilxiginnaa obbo Seefuu ta’uu jiraattonni dubbatu.

Akkasumas bulchiinsaa fi nageenya aanaa kaasee hanga gandaatti diriirsuun namoota daandii irra deeman adamsanii qabuu fi namoota qabuunis har’aan guyyaa sadaffaa yoo ta’u, warra qabames fe’uuf akka qophiitti jiran ONM jiraattota irraa odeeffateera.

Exit mobile version