ONM-ABO Muddee 25, 2024
Bulchiinsa nama nyaataa impaayerattii bilxiginnaan badii tokko malee Oromummaa isaa qofaaf dararaa ulfaataa keessummeessaa kan jiru uummanni Oromoo, ammas tiksitoota sirnichaan qe’ee isaa keessatti hiraarfamuun hiree isaa ta’ee jira.
Meeshaa waraanaa hidhachuun teessoo koloneel Abiy Ahimediin tiksuuf goleewwan Oromiyaa cufa keessatti kan bobbaafaman waraanni goolessaan bilxiginnaa hidhuu, ajjeesuu, saamuu fi qe’ee irraa godaansisuu ilmaan Oromoo irratti hammeessanii jiraachuu maddeen ONM’tti himan.
Baalee Bahaa aanaa Gooroo ganda Maliyyuu keessaa obboleeyyan lama Bayaan Usmaan Sheek Barbaree fi Ibraahim Usmaan Sheek Barbaree kan jedhaman qaamolee Bilxiginnaan mana jireenyaa isaanii keessaa butamuun baatii 6’f hidhamanii waajjira poolisii keessatti dararamaa jiraachuun ifoomee jira.
Achuma waajjira poolisii kana keessatti namoonni 20 ol ta’anis sababa Oromummaa isaanii qofaaf jecha badii tokko malee waggaa tokkoo 1 ol achii keessatti murtii malee hidhamanii jiraachuu maddeen keenya dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.

