ONM-ABO Muddee 25, 2024
Barreessaan olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutereez Kibxata kaleessaa wabii nyaataa Sudaan keessatti hammaataa dhufuun yaaddoo isaanii ibsuun, waldhabdee kana gidduutti naannoolee hedduutti haalli hongee akka mudatu akeekkachiisaniiru.
Dubbi himtuun Isteefanii Tireembilay akka jedhanitti, “Barreessaan Muummichaa haala wabii nyaataa Sudaan keessatti saffisaan hammaataa dhufeen sodaa guddaa keessa galeera, sababiin isaas guutuu biyyattiitti namoota miliyoonaan lakkaa’aman nyaataa fi soorataa argachuun hammaataa dhufuu itti fufeera,” jedhan ibsa kenneen.
“Gabaasni yeroo dhiyoo koree gamaaggama beelaa akka agarsiisutti haalli beela yoo xiqqaate bakka shan Sudaan keessatti akka jiru agarsiisa” jechuun ibsi kun kaampii buqqa’iinsaa Kaaba Daarfuur fi gaarreen Nubaa dhiha Kordofan Kibbaa keessatti argaman akka naannoo balaa ta’etti agarsiiseera.
Dabalataanis, naannoleen biroo shan ji’oota dhufan keessatti balaa beelaaf saaxilamaniiru jedha ibsichi.
Waldhabdee kanaan “Sudaan keessatti namoonni miiliyoona 24.6 ol ta’an walakkaa ummataa ol ta’an wabii nyaataa cimaa sadarkaa olaanaa akka isaan mudatu” cimsee kan ibsu ibsichi dabalataan “lola itti fufee jiruu fi sochii meeshaalee gargaarsaa fi hojjettootaa irratti daangeffamni kaa’ame gargaarsa balaadhaaf saaxiluu itti fufee jira” jechuun ibseera.”
Guterees “gargaarsi namoomaa fi hojjettoonni bakka jiranitti namoota rakkatan bira akka ga’uuf paartileen saffisaan, nageenya qabu, gufuu malee fi itti fufiinsaan akka qaqqabuuf haala akka mijeessan” jechuun waamicha isaa haaromseera jechuun Anaadooluun gabaaseera.

