Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Qondaalaa keessatti ergamtoonni PP jiraattota hidhuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Muddee 30, 2024 

Goleewwan Oromiyaa cufa keessaa ergamtoonni Bilxiginnaa haala duraan barameen olitti sabboontota ilmaan Oromoo adamsuun hidhaatti guuruu cimsanii itti fufanii jiru.

Muddee 26, 2024 aanaa Qondaalaa ganda Kabbachee Dummee jedhamu keessaa namoota maqaan isaanii:

  1. Abdulkariim Balaachoo, 
  2. Jaafar Eliyaas fi 

kanneen biroo hedduu ta’an ergamtoonni sirnichaa badii tokko malee ukkaamsuun hidhanii garmalee hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Akka maddeen himanitti, namoota armaan olitti maqaan isaanii eerame waliin ukkaamfamuun kanneen hidhaman baay’inni isaanii 75 ol ta’uu himuun, isaanis badii tokko malee maqaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun qe’ee fi bakka hojii isaaniitii qabamanii hidhaatti darbatamuu dubbatu.

Exit mobile version