Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Al-Burhan’ humna Dafee qaqqabaa waliin namni akka duraatti waraanatti deebi’uu danda’u hin jiru jedhan

ONM-ABO Amajjii 2, 2025

Hoogganaan Mana Maree Abbaa Biyyummaa Sudaan morkataa isaanii Humnoota Dafee Qaqqabaa (RSF) waliin gara haala waraana duraatti deebi’uun akka hin danda’amne dubbataniiru.

Abdel Fattaa Al-Burhaan ibsa kana kan kennan Roobii kaleessaa haasawa televijiiniin mootummaa Sudaan waggaa 69ffaa biyyattiin dhuunfannaa Ingilizii jalaa walaba ta’uu ishee irratti maxxansee ture irratti.

“Haalli  Ebla 15, 2023 dura akka turetti deebi’uu hin danda’u, akkasumas namoonni ajjeesan, yakkamtoonni, fi deeggartoonni isaanii ummata Sudaan keessa jiran kun deebi’ee fudhachuu hin dandeenyu,” jechuun al-Burhan RSF eeruun dubbataniiru.

Itti dabaluunis ummanni Sudaan ajjeechaa, beela, buqqa’uu, sarbama seeraa milishoota RSF irraan ga’uuf saaxilama jedhan.

Erga Ebla bara 2023 waraana Sudaan kan Jeneraal Abdel Fattaa al-Burhaniin durfamuu fi RSF itti aanaa isaa duraanii Mohaammad Hamdan Dagalo’n durfamu gidduutti lola aangoof ka’ee as namoonni gara kuma 25 ta’an ajjeefamanii, miliyoona 10 ol ammoo qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru.

Tattaaffiin gidduu seenummaa Ameerikaa fi Sa’uudii dabalatee biyyoota hedduudhaan durfamu, waraanni Sudaan fi RSF lamaan isaanii iyyuu tattaaffii gufachiisuu jechuun wal-faana himataman keessatti dhukaasa dhaabuu mirkaneessuuf hanga ammaatti hin milkoofne jechuun Arabs news gabaaseera.

Exit mobile version