Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Gimbii keessatti uummata nagaa maqaa hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun jumlaan hidhuun kan duraarra daran cimee itti fufuun himame

ONM-ABO Amajjii 3, 2025 

Teessoo aangoo isaanii kan shiraa fi dhiiga namoota qulqulluun qabatan irratti jabaatanii duguuggaa sanyii raawwachuuf murni Bilxiginnaa maqaa namoonni hin qabneen yakkuu miidhaa geessisuu irratti argamu.

Lixa Wallaggaa aanaa Gimbii gandoota Qonnaan bultootaa aanichaa deemuun waraanni faashistii PP kaleessa Amajjii 2, 2025 uummata nagaa ilmaan keessan miseensota WBO’ti, firoottan keessan bosona jiru jechuun qabanii mana hidhaatti jumlaan guuranii doorsisaa fi miidhaa adda addaa irratti taasisaa jiraachuun ibsameera.

Akka godina Lixa Wallaggaatti aanaaleen akkaataa namoota nagaa irratti gara jabinaan ajjeechaa, hidhaa fi saamicha raawwataniinis kan badhaafaman ogguu ta’u, maatiin qabsaa’otaa ammoo hanga ilmaan isaanii miseensa WBO ta’an galchanitti tajaajilli kam akka hin taasifamneefis ugguramuu himaniiru.

Exit mobile version