ONM-ABO Amajjii 3, 2025
Pirezidaantiin Yukireen Volodymyer Zelenskiy Kamisa kaleessaa akka jedhanitti, ji’a darbe michuu Raashiyaa kan ta’e Bashar al-Asad aangoo irraa kaafamuu isaanii hordofuun, biyyi isaanii hariiroo dippilomaasii Siiriyaa waliin deebiftee uumuuf qophaa’aa jirti.
Zelenskiyiin jalqaba torban kanaa Siiriyaa kan daawwatan Ministira Dhimma Alaa Yukireen Andrii Siibihaa irraa gabaasa erga argateen booda, “Sooriyaa waliin hariiroo dippilomaasii fi tumsa dhaabbilee idil-addunyaa deebifnee jalqabuuf qophiirra jirra” jedhan.
Sibiihaan daawwannaa Wiixata taasisaniin hogganaa haaraa Siiriyaa Ahmed al-Sharaa fi Ministira Dhimma Alaa Asaad Hasan al-Shibanii waliin wal arganii jiru. Al-Shibaniin walgahii Damaasqootti taasisaniin Yukireen waliin “walta’iinsa tarsiimoo” akka qabaatan abdii qaban ibsaniiru. Ji’a darbe Zelenskyiin gargaarsa nyaataa Yukireen jalqabaa kan daakuu qamadii meetiriik toonii 500 of keessaa qabu gara Siiriyaa erguu ishee qaama jalqabbii namoomaa Kiiv “Midhaan Yukireen irraa” Sagantaa Nyaata Addunyaa Mootummoota Gamtoomanii waliin ta’uun erguufii ishee beeksiseera jechuun Al Arabiyaan gabaaseera.

