ONM-ABO Caamsaa 15, 2025
Prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp Roobii kaleessaa Waashingitan pirezidaantii Siiriyaa Ahmed al-Sharaa waliin Riyaad keessatti erga wal arganii booda, hariiroo Siiriyaa waliin qaban idileessuuf hojjechaa jirti jedhan.
“Yeroo ammaa kana hariiroo mootummaa haaraa Siiriyaa waliin jiru normalize gochaa jirra…walgahii pirezidaant Ahmed al-Sharaa waliin godhe irraa eegalee,” Tiraamp walgahii GCC-US irratti hoggantoota Gulfitti himaniiru.
Ministirri Dhimma Alaa US Maarkoo Ruubiyoon dhuma torban kanaa irratti Ministira Dhimma Alaa isaanii kan Siiriyaa Asaad al-Shaayibanii waliin akka wal argan hubachiisaniiru.
Walgahiin kun osoo hin jalqabin dura, Tiraamp fi Al-Sharaa bakka mootichi gonfoo Sa’uudii Mohaammad bin Saalmaan jirutti balbala cufame duuba wal arganiiru. Gama biraatiin ammoo pirezidaantiin Turkii Recep Tayyip Erdoyaan karaa bilbilaan hirmaataniiru.
Tiraamp haala MBS fi Erdoyaan waliin mari’atanii booda qoqqobbii Siiriyaa irraa kaasuuf murteessan jechuun dubbatameera.
Tarkaanfiin kun Siiriyaa boqonnaa haaraa akka kennu dubbataniiru.
Ibsi Ministeerri Dhimma Alaa Siiriyaa Dilbata darbe baase akka jedhetti walgahiin Tiraamp-Al-Sharaa shororkeessummaa ittisuu fi gareewwan Siiriyaa hin taane ISIS dabalatee tasgabbii irratti dhiibbaa geessisan dhabamsiisuu irratti walta’iinsa Ameerikaa fi Siiriyaa irratti mari’ateera jechuun Al Arabiyaan gabaaseera.
Ibsi Ministeerri Dhimma Alaa Siiriyaa Kibxata darbe baase akka jedhetti walgahiin Tiraamp-Al-Sharaa shororkeessummaa ittisuu fi gareewwan Siiriyaa hin taane ISIS dabalatee tasgabbii irratti dhiibbaa geessisan dhabamsiisuu irratti walta’iinsa Ameerikaa fi Siiriyaa irratti mari’ateera.

