Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Muummichi Ministeeraa Xaaliyaanii Damaasqootti hoogganaa haaraa Siiriyaa waliin wal arge

ONM-ABO Amajjii 11, 2025 

Ministirri Dhimma Alaa Xaaliyaanii Antooniyoo Tajaaniin bulchaa haaraa Siiriyaa Ahmed al-Sharaa waliin Jimaata kaleessaa Damaasqootti wal argan jechuun miidiyaaleen mootummaa ibsaniiru.

Dhaabbanni oduu mootummaa SANA waa’ee marii Tajani fi al-Sharaa bal’inaan hin kennine. Daawwannaan kunis erga mormitoonni Damaasqoo qabatanii fi Asaad gara Moskootti baqatanii ji’a tokkoo ol booda.

Tajaaniin kanaan dura gita isaa haaraa Asaad al-Shaibani waliin kan wal argan yoo ta’u, kana booda qondaalli Siiriyaa kun yeroo dhiyootti daawwannaa seeraa jalqabaa Awurooppaa akka taasisan dubbataniiru. ”Jila sadarkaa olaanaa daawwannaa biyya alaa biyyoota Awurooppaa hedduu of keessatti hammate hoogganuudhaaf akkan barbaadu beeksisuu kootti gammadeera,” jedhan.

Shaayibaaniin jalqaba baatii kanaa irraa eegalee Sa’uudii Arabiyaa, Yunaayitid Arab Emireet, Kaataar fi Joordaan daawwataniiru jechuun Al Arabiya’n gabaaseera.

Exit mobile version