ONM-ABO Amajjii 4, 2025
Saamuu malee gargaaruu, hidhuu malee hiikuu, akkasumas ajjeesuu malee du’a irraa baraaruu kan hin beekne ergamtootni murna Bilxiginnaa Koloneel Abiy Ahimediin durfamuun qe’ee hawaasa Oromootti bobbaafaman saamicha qabeenyaa fi dararrii adda addaa uummata nagaa irratti raawwatan jabeessanii itti fufaniiru.
Muddee 31, 2024 aanaa Harxummaa Furseetti hidhattootni murna Bilxiginnaa ganda Leedii keessaa loon karra tokko jaarsa biyyaa maqaan isaanii Obbo Hasan Adam Iisaa jedhaman jalaa ooffachuun saamanii yoo deeman, guyyuma kana yeroo wal fakkaataatti aanichuma ganda Ija Eelaa irraa loon Faaxumaa Mohaammad guutummaatti jalaa saamuun ooffatanii deemuu maddeen ONM’f eeran.
Gareen hattoota Bilxiginnaa kun gochaa saamichaa isaanii kana ittuma fufuun aanichuma ganda Qoriitti Muddee 29, 2024 mana shamarree Aminaat Hasan Usmaan hulaa caccabsanii seenuun qarshii 2000, shittoo, uffataa fi kkf’n hedduu jalaa saamuun jiraattota danuus reebanii qe’ee irraa ari’aniiru.
Muddee 29, 2024 guyyama sana ganduma Qoriitti dargaggoo Ammad Shaambal jedhamu guyyaa cidha isaatiin itti dhaqanii isaa fi namoota manneen cidhaa sana keessatti argaman cufa irratti reebicha suukkanneessoo raawwatanii boodarra wantoota cidhaaf qophaa’an sunqoo, biddeen, ittoo, bukoo kkf’n jalaa dhangalaasanii cidha isaa jalaa balleessuun akka deeman jiraattotni gandichaa dabaluun dubbataniiru.

