ONM-ABO Amajjii 5, 2025
Bulchiinsi Baayiden rasaasa xiyyaara waraanaa, dhukaasa meeshaa waraanaa fi misaa’ela helikooptara haleellaa dabalatee Israa’eliif paakeejii meeshaa waraanaa guddaa doolaara biiliyoona 8 raggaasiseera jechuun miidiyaan Israa’el Walla Sanbata kaleessaa gabaaseera.
Maddeen maqaan isaanii hin ibsamne akka jedhanitti, Ministeerri Dhimma Alaa U.S. waa’ee waliigaltee meeshaa waraanaa kanaa karaa al-kallattiin Kongireesii beeksiseera, kunis pirezidaantiin filataman Doonaald Tiraamp Amajjii 20 aangoo qabachuu isaanii dura bulchiinsa aangoo gadhiisaa jiru irraa paakeejii dhumaa ta’a jedhamee eegama.
Raggaasifamni kun kan kenname yeroo hojiin waraanaa Israa’el kaaba Gaazaa keessatti cimee itti fufee jiruu fi Onkoloolessa 5 irraa eegalee mooraa Baqattootaa Jabaliya, Beyit Lahiya fi Beit Hanoun irratti xiyyeeffatee booda.
Akka gabaasa Wallaatti, paakeejiin kun misaa’ela qilleensarraa gara qilleensaatti geessu kan of keessaa qabu yoo ta’u, balaa qilleensarraa akka diroonii irraa ittisuuf kan ooludha.
Meeshaaleen tokko tokko kuufama U.S. amma jiru irraa dhufuu kan danda’an ta’us, harki caalaan isaanii oomisha haaraa kan barbaadaniidha.
Waliigaltichi meeshaa waraanaa murteessaa fi sirna ittisa qilleensaa guutuudhaan nageenya yeroo dheeraa Israa’el cimsuuf kan kaayyeffate ta’uu Biirichi Kongireesiif ibseera.
Qondaalli Ameerikaa tokko ejjennoo Pirezidaantii Joo Baayiden mirga ofirraa ittisuu Israa’el jedhee waamu irratti irra deebi’ee ibseera.
“Pireezidaantichi Israa’el akkaataa seera idil-addunyaa fi namoomaatiin lammiilee ishee eeguuf mirga akka qabdu ifa godheera.
Beeksisni kun himannaa Muummichi MMinisteeraa Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuu fi michoonni isaanii waa’ee “uggura meeshaa waraanaa callisaa” jedhamu kan bulchiinsi Baayiden ji’oota darban keessa kaa’e irratti dhiyeessan kan mormuudha.
Caamsaa darbe biirichi meeshaaleen waraanaa Ameerikaa Israa’el Gaazaa keessatti karaa seera namoomaa idil-addunyaa cabsuun itti fayyadamuu danda’a jechuun yaaddoo qabu ibsee ture garuu Israa’el sarbama akkasiitiin sirnaan hin himanne jechuun Rooyiters gabaaseera.
