Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Booranaa Aanaalee hunda keessatti maqaa gibiraatiin hawaasni saamamaa jirachuun dhagaa’ame

ONM-ABO Amajjii 8, 2025 

Uummatni Booranaa akkuma hawaasa kamiittuu lafa qotuu fi horii horsiisuun jiraata. Daldala dhibii hin qabu horiima ofii tikfachuu fi lafa qotee midhaan facaasee kan jiraatu yoo ta’u baroota as dhiyoo sababa roobni dhabameef irra guddaan horsiisee bulaadha.

Hongee cimaa bara darbe hawaasa mudateen akka malee kan miidhame yoo ta’u bara kana ammoo maqaa gibira jedhuun mootummaan dhiyaa fi barii maallaqa humnaa olii  maqaa gibira jedhuun torban torbaniin irraa guuruun hawaasichi rakkoo hamaaf saaxilamaa jira.

Hawaasni rakkoo hamaaf saaxilamaa osoo jiruu rakkoo bishaan dhugaatii qulqulluu, daandii, ibsaa fi qoricha yaalaa gahaa dhabaa asoo jiruu, hongee  bara darbe hawaasicha miidhe irraa osoo hin bayyanatin dirqiin maallaqa humna isaanii olii  kaffalchiisaa jiru.

Yoo hin kaffalle ammoo shakkamaa ykn akka nama siyaasa biraa keessa jiruutti ilaalamuun doorsisnii fi hidhaan irra ga’aa jiraachuu jiraattota godinichaa irraa baruun danda’ameera.

Akka jiraataan godinichaa  maqaan isaa akka tuqamu hin barbaanne tokko yaada isaa ONM’f himetti gibirri amma baatii fi baatii 3’n nutti dhufu jireenya keenya jeeqaa jira jedha. 

Gibirii ta’e jedhamee yeroo gargaarsi NGO uummataaf dhufu cufa waliin diriiruun gargaarsi kara NGO’tiin uummataaf dhufe harki  caalaan uummataaf osoo hin laatamne lukkeelee Bilxiginnaan saamamaa jira. 

Haati hiyyeessaa garaa ofii marattee osoo ilmaan ishee waan nyaattee bultu dhabaa jirtuu sa’a tokkicha ofii qabdu gurgurtee gibira kaffalaa jiraachuun egereen keenya rakkoo ta’uu nu agarsiisa jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti kan himan jiraattota godina Booranaati.

Exit mobile version