ONM-ABO Bitootessa 22, 2025
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Amuruu ganda Siiddan Qilxuu Barkalleetti hawaasni Oromoo bara 2024 finxaaleeyyii Amaaraan qe’ee fi qabeenyaa isaanii irraa buqqa’an, murni gabroomfataan impaayerattii dirqamaan qe’ee irraa buqqa’anitti deebisuu irraa kan ka’e, jiraattonni rakkoo hamaa keessa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeran.
Finxaaleeyyii Amaaraa gargaaruun lubbuu ilmaan Oromootti taphachuun kan araada itti ta’e Bilxiginnaan, wabii jireenyaa tokko malee osoo hawaasni waan nyaatu, waan uffatu, mana keessa bulu hin qabaatinii fi nageenya hin argatin abbootii warraa 460 ol humna waraanaatiin gara mana isaaniitti yoo deebisu, hawaasni mana keessa bulu dhabee bakkee bulaa jiraachuun ibsameera.
Loltoonni Bilxiginnaa hidhattoota kanneen deggeruun hawaasa Oromoo fixaa waan jiraniif, dirqamanis abdii lafa isaanii irra deebi’anii nagaan jiraachuu kan hin qabnee fi qaamni walabaa isaaniif birmatu dhabamuun kan isaan yaaddessaa jiru ta’uus jiraattonni dubbatu.
Finxaaleeyyiin Amaaraa maqaa ‘Faannoo’ jedhu moggaafachuun gargaarsa qaamolee Bilxiginnaan utubamuun hidhannoo guutuun hawaasa meesha maleessa irratti bobba’anii, ukkaamsanii maallaqa guddaa fudhachuu hanga albeen morma muruutti miidhaa ulfaataa raawwataa jiraachuun ni beekama.

