ONM-ABO Amajjii 22, 2025
Murna Bilxiginnaa finxaaleeyyii Amaaraa irraa maallaqa guddaa fudhachuun deggersa meeshaa fi leenjii taasisuufiin ilmaan Oromoo qe’ee fi qabeenyaa isaa irraa buqqisiisuun hiraarsaa jiru.
Aanaa Jaardagaa Jaartee irraa jiraattota finxaaleeyyii Amaaraan qe’ee fi qabeenyaa irraa buqqaa’aniif gargaarsa karaa dhaabbilee adda addaa, abbootii qabeenyaa fi qaamolee miti mootummaa irraa kennameef kaabinoonni Bilxiginnaa milishota isaaniif oolchaa jiraachuu maddeen keenya itti dhiheenyaan beekan ni dubbatu.
Bulchaan aanichaa namni maqaan isaa Balaay Taaddasee jedhamu hidhattoota Amaaraa itti bobbaasuun qe’ee fi qabeenyaa irraa erga buqqisee booda, yeroo ammaa, gargaarsa hawaasaaf karaa dhaabbilee miti mootummaa jiraattota buqqa’aniif dhufe osoo isaan garmalee rakkataa jiranii miliqsuun milishota isaa ittiin utubaa kan jiru ta’uun barameera.
Hawaasni aanichaa gandoota kudhan irraa hidhattoota Amaaraan buqqa’anii kan jiran yoo ta’u, wantoota akka; sukkaara, daakuu, saamunaa, qorichootaa fi kanneen biroo hedduu dhorkachuun jiraattonni kunneen beelaa fi dhukkubaan rakkataa jiraachuun fuuldureen isaanii yaaddessaa ta’uu maddeen itti dabaluun ibsanii jiru.

