ONM-ABO Amajjii 9, 2025
Impaayerri Itiyoophiyaa lola gama maraan geggeessaa jirtuun kisaaraa dinagdee hamtuu keessa seenuun wal qabatee yeroo ammaa kana tiksitoonni ishee akkuma walii galaatti saamicha irratti bobbaa’anii jiru.
Ergamtoonni sirna moofaa suphuuf kufanii ka’an tibba kana aanaa Gidaamii gandoota baadiyyaa kanneen akka: Giraayii Biishaa, Giraayii Somboo, Giraayii Horoo, Afteer Saamboo, Abootee, Qellemii fi kanneen biroo hedduu keessatti maqaa kaffaltii gibiraa fi Buusaa Gonofaa jedhuun nama tokko irraa qarshii 3,000 hanga 5,000’tti afaan qawwee itti qabuun saamaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.
Akka maddeen himanitti, saamichi ulfaataan ergamtoota sirnichaan raawwatu kun nama dhuunfaa irratti kan hin taane ta’uu himuun, afooshaalee addaa addaa irraas qarshii 450,000 hanga 500,000’tti saamaa kan jiranii fi armaan duras jiraattota ganda Giraayii Somboo irraa buufata fayyaa isiniif ijaarra jechuun qarshii 600,000 walitti qabanii turan.
Wayita uummanni “maaliif nuuf hin ijaartan” jedhee gaafatu ammoo “maaltu isin galche” jechuun sodaachisaa kan jiran ta’uu ONM’f eeranii jiru.

