ONM-ABO Amajjii 9, 2025
Kibba Chaayinaa naannoo Tibeet magaalaa Xigaze keessatti kirkirri lafaa cimaan humna 6.8 ta’e mudateen namoonni kuma 46 ol qe’ee isaanii irraa buqqa’uu isaanii miidiyaaleen mootummaa Roobii kaleessaa gabaasan.
Kirkirri lafaa kun Kibxata darbe naannoo Ofiin of bulchitu Shizaang maqaa naannoo Tibeet jedhamutti, gadi fageenya kiiloo meetira 10 irratti mudateera.
Sababa kirkira lafaa kanaan yoo xiqqaate namoonni 126 kan du’an yoo ta’u, namoonni 407 ukkaamfamanii turan lubbuun baraaramaniiru.
Aangawoonni iddoowwan jijjiirraa fi qubsumaa 187 dunkaana 3,705 qaban hundeessuun namoota dhuunfaa 46,525f gaaddisa akka kennan gaazexaan guyyaa guyyaa Global Times gabaaseera.
Yoo xiqqaate manneen 3,609 jiguu isaanii mootummaan magaalaa Shigaazee beeksiseera.
Qorannoon Ji’ooloojii Ameerikaa guddina kirkira lafaa 7.1 akka ta’e kan galmeesse yoo ta’u, dhiibbaan isaas biyyoota ollaa Neppaal, Butaan fi Hindiitti dhaga’ameera jechuun associated Press gabaaseera.

