Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Miseensonni Raayyaa Ittisa impaayera Itiyoophiyaa 5 Godina Kibba Lixa Shaggar Aanaa Sadeen Sooddoo fi Baha Shaggar Aanaa Boosat irraa gooticha WBO Zoonii Harsadeetti harka kennatan

ONM-ABO Amajjii 11, 2025 

Miseensonni waraana Bilxiginnaa quuqamaa fi aantummaa saba isaanii qaban kanneen dirqamaan funaanamuun sirnicha utubaa turan waamicha Jaarmiyaan ABO-WBO goleewwan Oromiyaa cufa keessatti guyyaa guyyaatti taasisaafii jiru kabajuun karaa nagaa obboleeyyan isaanii gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachuu itti fufanii jiru.

Amajjii 9, 2025 aanaa Sadeen Sooddoo keessatti tarkaanfii yeroo darbe Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo fudhate bu’ura godhachuun miseensonni Raayyaa Ittisa Impaayerattii 4 kanneen sabaan Oromoo ta’an qawwee AKM Raashiyaa 5, kilaashii Turkii 2, gumbii 9, boombii 5 fi rasaasa kilaashii 500 qabachuun gaachana saba Oromoo kan ta’e WBO Birgeedii Caffee Tumaatti harka kennatanii jiraachuun ibsameera.

Ittuma fufuun Baha Shaggar aanaa Boosat keessattis Amajjii 8, 2025 miseensi waraana Bilxiginnaa tokko mooraa sirnichaa Boosat keessatti argamu mooraa Gobeensaa jedhamuun beekamu irraa kilaashii AKM 1 hidhannoo guutuu waliin qabachuun gooticha WBO onicha keessa socho’utti harka kennatee jira. 

Miseensonni waraana Bilxiginnaa kunneen simannaa WBO’n isaaniif taasisetti gammaduun, hiriyoota isaanii mooraa diinaatti hafaniin WBO’n obboleeyyan keenya, loltuu haqaati dafaa yeroon harka itti kennadhaa Oromoo fi Oromiyaa baraaraa jechuun dhaamsa isaanii dabarfatanii jiru.

Exit mobile version