Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Booranaa Aanaa Goomolee bulchiinsa magaalaa Suruphaatti hidhaa fi dararaan uummata irratti daran jabaate

ONM-ABO Amajjii 12, 2025 

Aanaa Goomolee ganda Bildiimii Rasoo keessatti uummanni Oromoo Caasaa Bilxiginnaatiin dararaa hamaa keessa jiraachuu maddeen Arraata Biyyolessa Oromiyaatti himan.

Akka maddeen jedhanittii caasaan Bilxiginnaa ganda Bildiimii Rasoo keessatti uummata siyaasa kam irraayyuu bilisa ta’ee fi hojii dhuunfaa ofii qofa hojjatee  jiraatu, gocha isaanii malee yakkuun mana hidhaatti guuranii dararaa jiraachuu fi maallaqa humnaa Olii irraa fudhatanii gadi lakkisaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyolessa Oromiyaatti himan.

Warrootni maallaqni irraa fuudhame:

  1. Aagaa Boruu Halakee,
  2. Saatanaa Dabbasoo Busaawaa fi 

kanneen biroo irraa maallaqa qarshii 5000- 10000 irraa guurratanii akka gadi dhiisan jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.

Keessummattuu Amajjii 9, 2025 irraa egalee hanga gabaasni kun qindaa’etti  milishoonni maqaan isaanii:

  1. Qancooraa Hirbaayyee,
  2. Qancooraa Guyyee,
  3. Yaatanii Godaanaa,
  4. Birraa Girjaa,
  5. Gannaalee Adoolaa fi 
  6. Duubee Shonaa jedhaman 

marartee fi gara laafina tokko malee uummata Oromoo irratti saamicha daangaa darbaa gaggeessaa akka jiranii fi jiruu ofii qofa fooyyeffachaa akka jiran maddeen itti dabaluun himan.

Waraanni murna faashistii PP Jimaata dheengaddaa magaalaa Mooyyaalee keessatti ajjeechaa raawwateen uummatni Oromoo gocha kana guyyaa kaleessaa hiriiraan balaaleffachaa turuun ni yaadatama.

Exit mobile version