ONM-ABO Amajjii 22, 2025
Dhiigaa fi dafqa uummata Oromoon impaayerattii geggeessaa kan jiru faashistichi abbaa irree impaayerattii Bilxiginnaan erga gara bulchiisa sirnichaatti dhufee kaasee afaan qawween cafaquun ilmaan Oromoo balleessaa tokko malee hidhuu, saamuu, ajjeesuu fi qe’ee irraa godaansisuu hammeessee jira.
Amajjii 21, 2025 godina Booranaa aanaa Goomolee ganda Bildiimii Rasoo keessatti kaadiree fi milishoonni faashistii PP maqaa gosa kaffaltii adda addaa uummatatti dhahuun maallaqa humnaa olii uummata irraa saamaa jiraachuun beekameera.
- Maqaan gosa kaffaltii kanaas, inshuraansii fayyaa qarshii 1000,
- Buusaa Gonofaa qarshii 500,
- Nagenya eeguuf qarshii 500,
- Gibira lafa hektaara tokko Qr 500,
- Loon tokko Qr 100,
- Re’ee tokko Qr 50,
- Lukkuun tokko immoo Qr 15 Hanga 20 irratti murteessuun kaffaltii akkanaan saamicha haammeessanii jiraachuu maddeen ONM’f eeraniiru.
Caasaa PP ganda Bildiimii Rasoo keessaa kanneen maallaqa guuruun uummata dararaa jiran keessaa tokko nama maqaan isaa Qancooraa Hirbaayyee jedhamu yoo ta’u, manneen uummataa irraa deemsisuun gidiraa ulfaataa irraan ga’aa jira.

