Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Booranaa Aanaa Mi’ootti lukkeeleen Bilxiginnaa maqaa “qarshii kaffaluu diddan” jedhuun re’oota hawaasaa saaman

ONM-ABO Amajjii 30, 2025 

Mootummaa gabroomfataan impaayerattii hawaasa nagaa roga isaaf mijate hundaan humnaan afaan qawwee itti qabee abbaa irrummaa isaa ifatti labsuun yeroo adda addaatti miidhaa ulfaataa geessisaa kan jiru yoo ta’u, yeroo ammaa kana immoo bifa haarawaan dinagdee isaa utubuuf jecha saamicha irratti bobba’ee jira.

Aanaa Mi’oo ganda Carii jedhamu irraa ergamtoonni sirnichaa maqaa gosa kaffaltii adda addaa itti dhahuun qarshii hedduu saamaa kan jiran yoo ta’u, torban darbe irraa eegaluun maqaa “mana gandaa ijaarra” jedhuun qarshii hanga fedhan guuraa jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.

Namoota waan fidanii kaffalan dhaban jalaa immoo re’oota fuudhanii gurgurachuu fi qalachuun hawaasa ofiifuu waan nyaatee bulu hin qabne rakkisaa jiraachuu fi lukkeeleen kunneen hanga ammaatti gandicha keessaa re’oota 90 ol fuudhanii kan jiran ta’uun dabalataan ibsameera. 

Ganda kana irraa jaleewwan kunneen akkuma argan bobbaafamuun badii gurguddaa hawaasa nagaa irratti raawwachuu cimsanii kan jiranii fi yeroo adda addaatti hawaasa walga’ii humnaan baasuun doorsisa irratti raawwachaa jiraachuun dabalataan ifoomeera.

Exit mobile version