Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Ada’aa Bargaatti saamichi jiraattota irratti raawwatamu jabaatee itti fufe

ONM-ABO Gurraandhala 11, 2025 

Dantaa dhuunfaa isaa tikfachuuf jecha ilmaan Oromoo dachee Oromiyaa irraa balleessuuf kan rakkatu murni nama nyaataan Bilxiginnaa, dinagdee uummata Oromoo quucarsuuf saamicha uummata irratti raawwatan jabeessanii jiru.

Aanaa Ada’aa Bargaa guutummaatti ergamtoonni Bilxiginnaa maqaa gosa kaffaltii adda addaa itti dhahuun uummata saamaa jiraniin naannichatti hawaasni rakkoo ulfaataaf saaxilamaa jiraachuu jiraattonni aanichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Torban darbe irraa eegaluun lukkeeleen Bilxiginnaa hawaasa ofiifuu waan nyaatee bulu hin qabne yeroo yeroon saamaa kan turan ammas dinagdee hawaasichaa dadhabsisuu ittuma fufuun, namoota gibira humnaan olii itti fe’amee jiru kaffaluu dadhaban gatii itti murame malee sababa yeroo dabarsaniif adabni qarshii 2,000 irraa guuramaa jiraachuu jiraattonni aanichaa dubbisne himanii jiru.

Kana malees, aanicha keessaa dargaggoota irraa dirqamaan maqaa buusii miseensummaa dhaabaa jedhuun qarshii 500 dirqamsiisanii saamaa kan jiran yoo ta’u, maqaa buusaa gonofaa fi inshuraansii fayyaa jedhuun immoo qarshii 1,200 guuraa jiraachuun ifoomeera.

Exit mobile version