Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Baateetti caasaaleen Bilxiginnaa uummanni Oromoo fi Affaar akka walitti duulan yoo taasisan, uummata Aanichaa irraa meeshaa hiikuu akkuma itti fufanitti jiru

ONM-ABO Amajjii 13, 2025 

Uummanni Oromoo Walloo akkuma beekamu olii fi gadiin diinaan marfamee wiirtuu diinaa gidduutti kan argamu yoo ta’u, uummanni kun marfama diinaa gidduu jiraatus safuu, duudhaa, amantaa fi eenyummaa isaa eeggachuun diina isa dura dhaabbate gootummaan lolee of irraa qolachaa akka turee fi jiru seenaatu dubbata.

Murni sabaa fi sablammoota walitti buusuun aadaa isaa ta’e Bilxiginnaan bu’aa siyaasaa isaa irraa argachuuf jecha uummata Oromoo Walloo tokkummaa fi gootummaa isaan diina dura dhaabbachaa jiru kana haamilee buusuu fi akka isaan diina kana of irraa hin qolanneef jecha yeroo adda addaatti meeshaa hawaasichi waan qabu gurguree diina of irraa ittisuuf bitate sababa tokko malee irraa hiikuun, uummanni Affaar fi uummatni Amaaraa Oromoota Walloo lafa irraa akka duguuganiif haala mijeessaa ture.

Amajjii 10, 2025 aanaa Baatee ganda Fal’aanaa keessaa hidhattootni sirnichaa meeshaa hawaasa irraa kan hiikan yoo ta’u, namoota meeshaan irraa hiikame keessaa kan maqaan nu ga’e Umar Huusanii fi Aliitoo kan jedhamaniidha.

Aanichuma ganda Gurree Araddaa Shari’aa jedhamutti Amajjii 11, 2025 kaabinoonni PP gandichatti imaluun uummata Oromoo aanichaa qawween irraa hiikamaa jiruu fi uummanni Affaar akka walitti duulaniif uummata Affaar dubbisanii wayita deemanitti Amajjiidhuma 11, 2025 uummanni Affaar ganda Gurree dhaqanii uummata Oromoo gandichaa irratti dhukaasa bananii erga lolli geggeeffameen booda gara  naannoo isaaniitti deebi’uu jiraattotni aanaa Baatee ONM’tti himan.

Dabalataan caasaaleen Bilxiginnaa kun uummanni Affaar hawaasa Oromootti akka duuluuf ofii isaanii haala waan mijeessaniif yeroo uummanni Oromoo qe’ee isaa irratti hidhattoota Affaariin lolamu birmannaa tokkollee akka hin taasifne maddeen dabaluun dubbataniiru.

Exit mobile version