Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Murni Bilxiginnaa Kaaba Oromiyaa Godina Walloo keessatti meeshaa uummataa irraa hiikuun, saamichas hammeessee jiraachuun ibsame

ONM-ABO Amajjii 10, 2025 

Kallattii isaaf danda’amu maraan duula duguuggaa sanyii Oromoo irratti labsee guyyuu qaamota teessuma aangoo isaa tiksan itti bobbaasee hiraarsaa kan oolu faashistichi impaayerattii Bilxiginnaan diinummaa isaa ittuma fufuun akka fedheefii yeroo fedhetti humna isaatti fayyadamuun hiraarfama uummata irratti hammeessee jira.

Gama tokkoon eegdota paartii isaan dhiiga lammiilee nagaa lolaasaa kan oolu murni badee balleessaan Bilxiginnaa gama kaaniin ammoo shorkeessitoota finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo jechuun of waamtu harka lafa jalaan meeshaa waraanaa hidhachiisee ilmaan Oromootti bobbaasee kan jiru, wayita uummanni qabeenya qabu gurguree lubbuu isaa ittiin tikfachuuf meeshaa bitatee ittiin of irraa lolaa jirutti kan diinota uummatichaa itti bobbaaseen alatti meeshaa isaanii irraa hiikuun ammas harka diinaatti kuffisuuf hojjechaa jira.

Amajjii 9, 2025 Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Baatee ganda Dhagaachoo jedhamu keessatti tiksitoonni impaayerattii halkan uummatatti bobba’uun qawwee AKM 2 fi PKM 1 irraa hiikanii deemuu maddeen ifoomsan.

Uummanni Oromoo aanichaa gandoonni shan yeroo irraa gara yerootti shiftoota affaarii wajjin kan kan wal lolan ta’uu maddeen eeruun, garuu Bilxiginnaan ammoo diina isaanii kana irratti hammeessuuf jecha qawwee irraa hiikanii  jiraachuu maddeen dabaluun ONM’tti himanii jiru.

Oduu biraatiin ammoo  gandoota onichaa 26 keessatti maqaa inshuraansii fayyaa jedhuun nama tokko irraa qarshii 2000 gibira waliin irraa saamaa kan jiran yoo ta’u, ganda Kaarroo jedhamtu keessatti ammoo barsiisaa Alii Abdoo kan jedhamu guyyaa cidha keetii qawwee dhukaaste jechuun hidhanii akka jiranis maddeen eeranii jiru.

Exit mobile version