ONM-ABO Gurraandhala 10, 2025
Kallattii isaaf danda’amu maraan duula duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti labsee guyyuu qaamota teessuma aangoo isaa tiksan itti bobbaasee hiraarsaa kan oolu murni Bilxiginnaa diinummaa isaa ittuma fufuun akka fedhee fi yeroo fedhetti humna isaatti fayyadamuun ilmaan Oromoo saalaa fi umuriin osoo adda hin baasin jumlaan ukkaamsuun dirree leenjii waraanaatti guuruu hammeessee jira.
Godina Gujii Bahaa aanaa Aagaa Waayyuu keessatti gandoota hedduu kanneen akka Ceekataa, Kokkobbee, Mallayyaa, Daawwaa Higaattee fi Haya Diimaa keessaa Guraandhala 7, 2025 namoota dhibba lama lamaa ol halkan keessas yeroo wal walfakkaataatti fe’anii kan deeman oggaa ta’u, maatiin dargaggoota kanaas eessa akka isaan buusan dhabuun rakkachaa jiraachuu maddeen ONM’f eeran.
Ittuma fufuun Godina Gujii Lixaa aanaa Surroo Barguddaa keessattis namoota hedduu waajjira Poolisii aanichaatti hidhanii dararaa kan jiran oggaa ta’u, isaan keessaa ammoo dargaggoota hedduu konkolaataatti naqanii dirree leenjiitti akka geessan maddeen nuuf eeruun, kanneen hidhaa keessaa qofa osoo hin taane uummata dirqiin waltajjii baasuun namni ijoollee lama qabu tokko leenjiitti erguu qaba ta’uu baannaan nama bakka buufatu barbaaddachuu qaba yoo dhabe maallaqa kaffaluu qaba ittiin jechuun namoota hedduu onicha keessatti hojii garaa garaa irratti bobba’uun of jiraachisan hedduus ukkaamsuun fe’aa akka jiran maddeen dabaluun ONM’tti himaniiru.

