ONM-ABO Amajjii 16, 2025
Gootichi onnee barbadaa, abdiin Oromoo fi Oromiyaa, biyya abbaa isaa irraa cunqursaa godaansisee saba isaa bilisummaa fi walabummaa gonfachiisuuf tarkaanfii loltoota leellistoota impaayeraa irratti fudhatu jabeessee jira.
Tarkaanfii boonsaa Itti Fufiinsa Duula Cichoomina Kaayyoon Wiixata Amajjii 13, 2025 fudhachuu eegaleen Zooniilee hedduu keessatti injifannoo boonsaa galmeessaa jira.
Haaluma kanaan kaleessa Amajjii 15, 2025 WBOn Zoonii Madda Albuudaa godina Gujii Bahaa aanaa Sabbaa Boruu
- Ganda Odee Kalaalaatti loltoota faashistii 13 ajjeessun 8 madoon adabera.
2.Ganda Bikkeetti 8 yoo ajjeessu 6 madoo dandammii hin qabneen geggeesseera. - Ganda Arraagessaa keessattis 4 yemmuu ajjeesu 3 madoon adabeera.
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii garee shororkeessaa PP irratti fudhatu itti fufuun godinuma Gujii Bahaa aanaa Aagaa Waayyuu ganda Burii Karroo keessatti waraana faashistii PP irraa 9 yeroo ajjeesu 7 madoo dandammii hin qabneen adabeera.
Tarkaanfii kanaanis meeshaalee waraanaa, galaa fi uffata waraanaa irraa booji’uun galii mooraa qabsoo Oromoof oolcheera.
Duulli kun itti fufuun WBO’n Birgeediin Odaa Kaarraa har ‘a Amajjii 16,2025 godina Lixa Wallaggaa aanaa Haroo Sabbuu bulchinsa magaalaa Beellam seenuun PP dhukkee irraa kaasee ari’ee jira.
Tarkaanfii kanaanis qawwee AKM 2, hidhannoo 8, rasaasa AKM 480 fi uffata dugda irraa hiikuun galii taasisee jira.
Tarkaanfii ganama har’a WBOn Zoonii Kibba Bahaa faana dhooftuun gootaa fi hayyuu Jaal Nadhii Gammadaa godina Arsii Bahaa aanaa Heeban Arsii ganda Ambaa Goda Sadee bakka addaa Heebanoo jedhamtutti mooraa waraana faashistii PP irratti fudhateen 17 ajjeesee 10 madeesseera.
Lolli Bilisummaa Finfinnee itti fufa!
Injifannoon Uummata Oromoof ❗

